Isaaq Niwutoon saayintistoota gurguddoo addunyaan tun qabdu keessaa isa tokko. Argannoowwan gurguddoo heddu hayyuu gumaacheedha. Keessaanuu argannoowwan isaa gama Fiizikisii kanneen akka seerota sosochii(motion law) , herreegaa (calculas) fi kkf hedduun beekkama.

Isaaq Niwutoon biyya ingiliizitti Ammaji 4, bara 1643tti dhalate. Abbaan isaa inni dhalachuuf baatiin 3 gaafa hafu du’aan addunyaa irraa boqate. Harmeen isaa gaafa Niwutoon umrii sadi akkoo isaa biratti gatuudhaan heerumte.

Niwutoon haala gahuumsa qabuun barumsa isaa hordofaa osoo jiruu harmeen isaa qonna irratti akka ishee gargaaruuf barumsa addaan kuchisiifte. Inni immoo fedhii qonnaan bulaa tahee hin agarsiifne. Gara barumsa isaatti deebi’e.

Gaafa ijoollummaa isaa Niwtoon qofummaan dabarse. Yeroo boqonnaa isaatti qo’annaa fi barreessaa guddate.

Bara 1661tti Niwtoon yuuniversiitii kaambiriijitti barumsa eegale. Umrii isaa heddus dabarse. Booda irratti porofeesara herreegaas achumatti tahe. Akka miseensa paarlaamaattis yuunivarsiiticha kana akka hoogganuuf filatame.

Bara 1665 – 1667tti Niwtoon kaambiriijii gadi lakkisuudhaan tiyooriiwwan gara garaa waayee calculas, guula lafaa (gravity) , fi seerota sochii (motions laws) irratti hojjataa ture.

Bara 1687tti maxxansa isaa “Mathematical principals of Natural Philosophy” jedhu maxxansee baase. Maxxansa isaa kana keessatti seeronni sochiilee sadan fi seerri waltawaa guula lafaa (universal gravity laws) bal’inaan keessatti ibsamanii jiru. Maxxansi kun saayiniilee jabanaa keessatti bu’aa hammana hin jedhamne buusee jira.

Niwtoon bara 1727tti magaalaa London keessatti lubbuun addunyaa tana irraa darbe. Lubbuun isaa darbus hojiileen isaa saayinsii har’aa kanaaf bu’aa hamma kana hin jedhamne buusee jira.

Show CommentsClose Comments

Yaada keessan nuuf kaayaa