Namni hin kijibnee jiraa? Deebii isinumaaf dhiisa. Bultiin namoota hedduu, lubbuun namaa fi wantoota gara garaa sababa kijibaan manca’ee yookiin diigamee jira. Sobni yookiin kijibni sadarkaan isaa miidhaa yookiin balaa geeggeessuun wal haa caaluu malee sobni sobuma. Kana yoo jennu immoo kijibni yookiin sobni marti miidhaa geessisu jechuu miti. Kanneen faaydaa qabus jiru. fakkeenyaaf namoota gara garaa lama wal dhabanii jiran walitti araarsuuf sobni yookiin kijibni dubbatamu miidhaa hin qabu.



Yeroo durii tooftaan guddaan namoota kijiba kijibaa jiran yookiin dubbii sobaa qorataniin namoota dhaanuudhaan yookiin immoo tumuudhaan ture. Baroota giddu galeessa keessa immoo bishaan hoo’aan soba adda baasaa jedhamee amanama ture. Namni hin sobne bishaan hoo’aa keessa dhaabbachuu ni danda’a jedhamee amanama ture. Nama ajaa’iba.

Haa tahuu malee, bara 1921tti barataan saayinsii fayyaa yuuniversiitii kaalifoorniyaa kan tahe John Augustus Larson fi qorataan poolisii tokko maashina soba adda baasu Polygraph jedhamu kalaqan. Maashini kun ammayaawaa fi fooyyee guddaa kan qabuudha. San caalatti immoo qaama namaa irratti miidhaa homaatuu kan hin qaqqabsiifne tahuu isaatiif baayee filatamaadha. Dhaabbileen qorannoo yakkaa gurguddoon akka FBI,CBI fi kanneen biroo yeroo gara garaatti meeshaa kanatti ni gargaaramu.

Polygraph kun akkamitti hojjata?

Polygraph’n seensaroota gara garaa 4-6 tahan ofirraa qaba. Seensaroonni kunniin dhahannaa onnee, dhiibbaa dhiigaa, sirna hargansuu, fi wantoota kana fakkaatan shallagu yookiin herreegu. Polygraph’ichi shallaga seensaroota kanneen irraa walitti funaanuudhaan, bifa daataa giraafiin(“graph”)’n waraqaa irratti piriinti gochuudhaan baasa. Amma garuu, koompiitaruma keessatti galmeessa. Walumaagalatti wantoota armaan gadii kaniinidha kan maashinichi galmeessu.

  • Dhahannaa onnee
  • Dhiibbaa dhiigaa
  • Sirna hargansuu
  • Ta’eewwan qaamaa(fknf Dafqa)
  • Sosochiiwwan harkaa fi miilaa

Yeroo qorannoon maashina kanaan geggeefamu, qoratamaa irratti seensaroonni maashinicha kanaa ni maxxanfamu. Ergas booda qorataan jalqaba irratti gaafiiwwan sasalphoo gaafachuun jalqaba. Kun kan tajaajiluuf miira qoratamaa isa dhugaa baruuf. Ergas booda gaafiiwwan gaafatamuu qaban gaafatamu.

YouTube irratti nu hordofaa

Chaanaalii keenya gama YouTube irra jiru hordofuudhaan viidiyoolee barnoota gara garaa kennan argachuu dandeessu!

Yeroo qorannan jalqabu, geeggeefamuu fi raawwatu qorataan daataa maashinichi baasu keessa ilaala. Sababni isaa jijjiiramni qaama yookiin miira qoratamaa keessa jiru beekkamuu qaba waan taheef. Akka waliigalaatti qoratamaan tokko dhiibbaa dhiigaa guddaa, dhahannaa onnee baayee fi kkf yoo agarsiise sobaa jiraa jedhama.