Biyyoonni addunyaa kanaa sadarkaa umrii dargaggummaarratti ilaalcha garaagaraa haa qabaatan malee,gahee dargaggootni misooma fi guddina biyyaa keessatti qabanirratti yaada waldhibu baay’ee hin qaban. Dargaggeessi lubbuusaa itti gabbaree qabduu dhiiga isaan biqilchee ijaara. Erga biyya gama siyaasaan maqaa itti godhee ammoo humna diinagdeetiin biyyiti akka of dandeettee dhaabattuuf wareegama lammaffaa baasa.

Ardiin nuti har’a irra jiraannu dacheen Afrikaa dhiiga ilmaan isheen dhaabbatte. Dhaloonni bara koloniin duraa qarooma biyya keessaan Afrikaan akka wamaamtu godhee darbe. Hojiin boonsaan qaroomni baraa baratti leellifamu, isa yoomillee Afrikaanonni ittiin boonan buusanii darban. Bara koloneeffattootni Awurooppaa Afrikaa qircachutti ka’an ammoo dargaggeessi jaarraa19ffaa fi walakkeessa jaarraa20ffaa bilisummaa dachee abbaasaaniitiif wareegama tilmaama hin qabne baasanii darban.Dhaloonni bara kolonii boodaas tattaaffii ardittiif godhurraa of hin qoollifanne.

Haa tahuu malee, har’a dargaggeessi Afrikaa aadaa fi eenyummaasaa dalgatti gatee aadaafi eenyummaa warra lixaatiin liqimfameera. Dhugaan kun dhiibbaa dargaggeessa biyya keenyaas qaqqabeera. Haalli uffannaa, akkataan jireenyaa, deemsa miilaatirraa kaasee haga sirreeffata dabbasaatti akeeka warra lixaati. Adwaa irraa kaasee haga lola Ogaadeenii fi Baadimmeetti dargaggeessi keenya biyya tana ijaaruuf lubbuusaa takkittii wareegee biyya tana ijaareenutti kennee darbeera. Haaluma walfakkaatuun, lola Calanqoo fi Aanoleerraatti, Xiroo fi gaara Mul’atatti, qabsoo Maaster Pilaaniifi Fincila diddaa gabrummaarratti qabsoon dargaggeessi keenna godhe seenaa bara baraan yaadatamuudha. Sababa isaan kaleessa wareegamaniif har’a haafura baafataarra, gumaasaanii dhandhamaarra.

Amma akka biyyaattis tahee naannootti biyyi tun utubaa jabaan akka dhaabbattu gochuudha. Kanaaf ammoo dargaggeessi humna diinagdeesaa cimsuu gaafata. Har’a dargaggeessi keenya umriisaa gaara fedhe dhiibuu danda’uun san araadatti fixaa jira.Dandeettii waa uumuu danda’uusaa dagataa dhufaat jira. Dargaggeessi Yuunivarsitiifi Kolleejjota garaa garaa irraa eebbifame kaadhimaa araadaa tahee akka hidhamu kan godhe inni guddaan rakkoo mootummaati.

Dargaggeessa gama hundaanuu aangessuun haaromsa biyyaaf iddoo guddaa qaba.Aangessuu yemmuu jedhu karaa siyaasaa qofaan miti.Karaa diinagdee fi hawaasummaatis dabalata.

Qabeenya biyyi qabdurraa dargaggeessi fayyadamaa tahuu qaba. Qabeenyi dhaloonni tokko itti fayyadamee,obboleessa isa duubaan dhufuuf yeroon darbuu qaba. Kanaaf ammoo dargaggeessis of qopheessuudha, kaka’umsa qabaachuudha, nidanda’a jechuu barbaachisa. Gama hundaan of qopheessinaan moo’achuun salphaadha. Haala kamiin akka moo’atu dargaggeessi keenya ni beeka. Kanaaf immoo Taphattoota siyaasaa qofaaf osoo hin taane, dargaggeessa keenyaaf dirreen banaa tahuu qaba.Akka dandeettii fi ogummaa isaatiin taphachutu nurraa eegama. Walumaagalatti haaromsa biyyaa keessatti dargaggoota dandeettii waa uumuufi hojjachuu qaban hirmaachisuun haaromsa biyyaa saffisiisuu fi milkeessuun ni danda’ama. Kanaafuu, hunda dura dargaggoota ogummaa fi dandeettii isaaniin adda baafachuufi qabeenya qabnu adda baasnee beekuun barbaachisaadha.

Dookimeentii guutuu download gochuun dubbisaa